Looking for more resources for supporting parents during COVID-19? Visit the Start Talking Now Facebook page.

Maatiiwwanii fi Kunuunsitoota

You are here

Home » Maatiiwwanii fi Kunuunsitoota

Guutummaa marsariitii kana Afaan Oromootiin ilaaluuf maaloo asitti tuqaa

Odeeffannoon fuula kanarraa argaman:

Isin murteewwan ijoolleen keessan umuriin isaanii kurnan keessa ta’e waaʼee qorichoota sammuu hadoochan godhan irratti dhiibbaa hunda caalaa guddaa ta’e qabdu.

Hiriyoota caalaa. Namoota beekamoo ta’an caalaa. Ijoolleen umuriin isaanii kurnanii keessa ta’e waaʼee maariwaanaa, alkoolii ykn qorichoota sammuu hadoochan kanneen biroo fayyadamuu dhiisuu isin irraa dhagaʼuun, akkasumas yeroowwan rakkisaa ta’an keessatti karaalee fayya-qabeessa taʼan dandamachuu dandaʼan argachuu dabalatee filannoowwan fayya-qabeessa gochuu barachuun kan barbaachisaa ta’eef sababa kanaafi.

Waa’ee mata dureewwan kanneeni ijoollee keessan umuriin isaanii kurnanii keessa ta’e wajjin haasa’uun ulfaataa ta’uu danda’a, garuu qorannoon akka agarsiisutti, waa’ee isaanii akka yaaddan agarsiisuuf, wantoota isaan irraa eegaman kaa’uuf, akkasumas nageenyaafi fayyaa akka qabaatan gargaaruuf wantoota barbaachisoo ta’an keessaa tokko kan isin gochuu dandeessan akka ta’e agarsiisa. Mariiwwan yeroo tasaa, haasa’oota gabaabaa yeroo ijoollee keessan umuriin isaanii kurnanii keessa ta’e wajjin yeroo dabarsitan gootan taʼuu dandaʼu. Mariiwwaniif akka qophooftan isin gargaaruuf gaaffiileen daa'imni keessan waa’ee alkoolii fi maariwaana gaafachuu danda’aniif deebiiwwan tarreeffaman kunooti. Namni hundi tokkoo miti, kanaaf deebiiwan kennitan ilaalchotaa fi muuxannoo mataa keessanii irratti hundaa’uun sirreessuu hin dagatinaa. Marii namatti toluu fi garaa irraa taʼe gochuun caalaatti dhiibbaa guddaa qabaata.

Maddoonni dabalataa ijoollee keessan umuriin isaanii kurnan keessa ta’e wajjin haasaʼuuf isin gargaaran kunooti:

Gorsoota barbaachisoo maatiiwwaniifi kunuunsitootaaf.

Ijoollee keessan umuriin isaanii kurnan keessa ta’e wajjin yeroo dabarsaa, yeroo baayʼee mariiwwan godhaa, akkasumas wantoota nama bashanansiisan waliin hojjedhaa!

Ijoolleen keessan umuriin isaanii kurnanii keessa ta’e wajjin yeroo walitti hidhattan, daangaawwan qopheessitanii fi hordoffii gootan, maariwaanaa, alkoolii ykn qorichoota sammuu hadoochan kan biroo akka hin fudhanne gargaaruu dandeessu.

Walitti hidhata dhiyoo uumaa.

Ijoolleen umuriin isaanii kurnan keessa ta’e yeroo maatiiwwan isaanii fi/ykn kunuunsitoonni jireenya isaanii keessatti hirmaatanii fi yeroo isaan waliin akka walitti dhiyaatan itti dhaga’amu, carraan dhuguu ykn maariwaanaa ykn qorichoota sammuu hadoochan biroo fayyadamuu isaanii xiqqaadha. Walitti hidhata maatii guddisuuf:

  • Guyyaa hunda yoo xiqqaate daqiiqaa 15 yeroo tokko tokko ta’uun itti hoosoftan daa’ima keessaniif kennaa.
  • Wantoota nama bashanansiisan waliin hojjedhaa.
  • Filannoowwan fayya-qabeessa daa’imni keessan godhu/gootu ilaalchisee yaada gaarii kennaa.
  • Waliin nyaadhaa.

Daangaawwan ifa taʼan kaaʼaa.

danbiiwwan ifa ta’an yeroodhan qopheessaa, nama haala dhaabbata itti fufiinsa qabuun hojjetu ta’aa, akkasumas yeroo baay’ee waa’ee qajeelfamootaa haasa’aa. Daangaawwan qopheessuuf:

  • Waaʼee wantoota isin isaan irraa eegdanii osoo wal irraa hin kutin marii taasisaa.
  • Yeroo danbiiwwan keessan caban kamiyyuu naamusa haqa qabeessaa fi wal irraa hin cinne fayyadamaa.
  • Ijoolleen keessan hiriyoota isaanii wajjin hariiroowwan gaarii akka qabaatan gargaaraa.
  • Daa’imni keessan karaalee qorichoota sammuu hadoochan lakkii itti jedhu akka shaakalu gargaaraa.

Walqunnamtiiwwan hordofaa.

Yeroo hundumaa ijoolleen keessan umuriin isaanii kurnanii keessa ta’e maal hojjechaa akka jiran, eessa deemaa akka jiranii fi eenyu wajjin yeroo dabarsaa akka jiran beekaa. Sochiiwwan nageenya qabaniifi nama bashanansiisan akka karoorfatan gargaaraa.

  • Eessa deemaa jirta?
  • Maal godhuuf jirta?
  • Eenyuutu si wajjiin ta’a?
  • Yoom manatti deebita?
  • Dhugaatii alkooliin, maariwaanaan ykn qorichoonni sammuu hadoochan kan biroo achi jiraa?

Balaawwan alkoolii, maariwaanaa fi qorichoota sammuu hadoochan kan biroo osoo umuriin hin gahiin fayyadamuun dhufan maal fa’i?

Alkoolii, maariwaanaa fi qorichoota sammuu hadoochan kan biroo dafanii fayyadamuun ijoollee umuriin isaanii kurnan keessa ta’e araadaa fi rakkoowwan fayyaa kan biroo, mana barumsaa milkaa’uu dhabuu, akkasumas filannoowwan hojii hidhamuu fi barnoota dhabuudhaan daangeffamaniif balaa guddaa keessa isaan galcha. maariwaanaa, alkoolii fi qorichoota sammuu hadoochan kan biroo fayyadamuun:

  • Sammuu ijoollee umuriin isaanii kurnan keessa ta’e kan guddachaa jiran irratti miidhaa geessisuu danda’a. Alkooliin, maariwaanaa fi qorichoonni sammuu hadoochan biroo kutaalee sammuu kan qindoomina sochii qaamaa, to’annoo fedhii battalaa, waa yaadachuu, barumsaa fi murtii to’atan miidhuu danda’u. Sammuun ijoollee umuriin isaanii kurnaan keessa ta’e ammallee guddachaa waan jiruuf, miidhaawwan geessisaniif caalaatti saaxilama.
  • Araada namatti fiduu danda’a. Ijoolleen waggaa 15 dura dhugaatii jalqaban carraan rakkoowwan alkoolii qabaachuu isaanii kan yeroo ga’eessota ta’anii dachaa afuriin kan caalu yoo ta’u, kanneen umuriin isaanii waggaa 18 dura maariwaanaa fayyadamuu jalqaban ammoo carraan rakkoo fayyadama maariwaanan qabamuu isaanii kanneen turanii fayyadamuu eegalan dachaa afurii hanga torbaan ni caala.
  • Sababoota du’a ijoollee umuriin isaanii kurnanii keessa ta’e sadan gurguddoo ta’an waliin walqabata: Balaawwan (du’a balaa tiraafikaan gahanii fi bishaaniin liqimfamuu dabalatee), ajjeechaa fi of ajjeesuu.

Balaawwan itti fayyadama qoricha sammuu hadoochu umuriin osoo hin gahin fayyadamuu ilaalchisee haqoota jiran argadhaa.

Amaloota fayya-qabeessa ta’an waliin horadhaa.

Ijoolleen keessan umuriin isaanii kurnan keessa ta’e amaloota fayya-qabeessa ta’an akka horatan, galmoota akka qopheessuu fi karaalee fayya-qabeessa ta’aniin haala dandamachuu dandaʼan irratti shaakalllii akka taasisan gargaaraa.

  • Galmoota qopeessuu: Galmoota qopheessun namootaaf miira kaayyoo akka qabaatan kan godhu yommuu taʼu, fuuldura isaanii gaarii ta’e ilaalchisee amantii akka qabaataniif isaan gargaara. Yeroon ammaa ulfaataa ta’uu mala, garuu carraawwan fuulduraa irratti abdiiniifi ofitti amanamummaan yeroo jirutti rakkoowwan furuun salphaadha. Ijoolleen keessan umuriin isaanii kurnan keessa ta’e gara fuulduraatti maal gochuu akka barbaadan wajjin haasaʼaa, akkasumas karoora akka baafatan gargaaraa.
  • Amaloota fayya-qabeessa ta’an ijaaruu: Nyaata gaarii nyaachuun, hirriba gahaa rafuu fi sochii qaamaa gochuun fayyaa fi miira namaa ni guddisa. Caasaa (kan akka yeroo nyaata dhaabbataa ta’e) amaloota gaarii akka qabaataniif haala mijeessuu kennaa, akkasumas amaloonni fayya-qabeessa taʼan maaliif barbaachisoo akka taʼan ijoollee keessan umuriin isaanii kurnan keessa ta’e wajjin haasaʼaa. Waliin ta’uun karaalee amaloota gaarii ta’an ittiin jabeessuu fi shaakaluun aanda’amu tarsiimoo baasaa.
  • Dandeettii dandamachuu guddisuu: Ijoollee umuriin isaanii kurnan keessa ta’e yeroo miirri dhiphinaa ykn yaaddoo isaanitti dhaga’amu sochiiwwan miirri gaarii akka isaanitti dhaga’amu taasisuuf gargaaran adda baasuun barbaachisaadha. Ijoollee keessan umuriin isaanii kurnan keessa ta’e wajjin, karaalee sochiiwwan kanneen jireenya isaanii keessatti akka hammataman gochuu dandeessan barbaadaa — irbaata booda kubbaa mooraa duubaa keessatti taphachuu, naannoo keessa deemsa miilaa gochuu, boqonnaa aartiiwwanii guyyaa guyyaa ykn salphaatti hanga 10tti lakkaa’uu fi yeroo wantoonni to’annoodhan ala akka ta’an namatti dhagahamu gadi fageenyaan hafuura baafachuu.

Deeggarsa argadhaa.

Ijoollee keessan umuriin isaaii kurnan keessa ta’eefi ofii keessaniifi gargaarsa gaafachuun rakkoo hin qabu! Maddoonni armaan gadii hundi tajaajiloota TRS 711 fi afaan argachuu ni kennu.

  • Teen Link sarara gargaarsaa bilisaa, iccitii ta’e kan ijoolleen umuriin isaanii kurnan keessa ta’e sa’aatii 6 hanga 10 p.m PT irratti bilbiluudhan ergaa barrreffamaa erguun ykn ijoollee umuriin isaanii kurnan keessa ta’e kan leenjii fudhatan wajjiin haasa’uudhan argachuu danda’aniidha. Daa’imni keessan waaʼee wanta sammuu isaa/ishee keessa jiru hunda isaanitti dubbachuu dandaʼa/dandeessi. Daa’imni keessan 1-866-TEENLINK (833-6546) irratti akka bilbilu/bilbiltu, ergaa barreeffamaa ergu/ergitu ykn akka haasa’u/haasoftu jajjabeessaa. Akkasumas ga’eessonni ogeessa fayyaa addaa ittisa fayyadama qorichootaa sammuu hadoochan irratti waliin haasa’uufis Teen Link irratti bilbiluu danda’u. Odeeffanoo dabalataaf www.teenlink.org daawwadhaa.
  • Washington Recovery Help Line sarara gargaarsaa maqaan hin beekamne, iccitii sa’aatii 24 hojjetu kan namoota miidhaawwan fayyadama qorichoota sammuu hadoochuu fi rakkoowwan fayyaa sammuutiin rakkachaa jiraniif deeggarsa kennudha. Odeeffannoo dabalataa argachuuf 1-866-789-1511 irratti bilbilaa ykn WARecoveryHelpLine.org daawwadhaa.
  • Washington Listens namoota miirri gaddaa, yaaddoo ykn dhiphinaa itti dhaga’amuuf deeggarsa ni kenna. Wiixataa-Jimaataa sa’aatii 9 a.m hanga 9 p.m PT fi Sanbata duraa fi Dilbata sa’aatii 9 a.m hanga 6 p.m PT ni hojjeta. Odeeffannoo dabalataaf poortaalii Washington Listens daawwadhaa.